Kiristaanummaan amantaa mul’ataa ti yeroo jedhamu, raajii mul’ataan, abjuudhaan ykn raajidhaan sitti himamee, karaa raajii sanaatiin amantaa hundeeffame jechuu miti.
-
Fakkeenyaaf: Amantaan Yihudoota, Waaqayyo raajicha Museef Tulluu (Sinaa) irratti abboommii kurnan kennerratti hundaa’ee, uummata Israa’eeliif (kan kenname) dha.
Kiristaanummaan amantaa mul’ataati yeroo jedhamu garuu kanarraa karaa adda taheenidha. Kunis qaamota sadan keessaa qaamni tokko, Waaqayyo ilmi, qaama dhuunfaa isaatiin Durbee Qulqulleetti Maariyaam irraa foon uffatee (nama ta’ee) mul’atee amantaa inni hojjeeteedha.
Kiristaanummaan mul’ataan hin dhuftne; abjuu irrattiis hin hundoofne. Garuu, Waaqayyo mataan isaa nama ta’ee mul’atee, Beetelihemitti dhalatee, gara Gibxiitti godaane;
Naazireetitti guddatee, Galaana Yoordanositti cuuphamee , Qoronxoos gammoojji irratti soomee, miila isaatiin deemee addunyaa qulqulleessaa, barumsa isaa bal’inaan ibsaa, hundumaas agarsiisaa, Kiristaanummaan akkasitti akka taate ibsee Kiristaanummaa hundeesse.
Qulqulluun Phaawulos Kiristaanummaan amantaa mul’ataa ta’uu isaa yoo mirkaneessu:
“Mana Waaqayyo keessa akkamitti jiraachuun akka siif ta’u akka beektuuf kana siif barreeseera. Manni sunis mana Waaqayyo jiraataa dha, utubaa fi hundee dhugaati. Iccitiin Waaqayyo fakaachuu guddaadha: Inni fooniin mul’ate, afuuraan qulqullaa’e, ergamootatti argame, sababootaaf lallabame, addunyaatti amaname, ulfinaan ol ba’e” jedhe. (1ffaa Xim 3:15-16).
Kanaafuu, Kiristaanummaan Waaqayyo inni hin argamne foon mul’atuun, Uumaan inni hin qaqqabamne foon qaqqabamuun mul’atee, hoolota isaa warra badan gara golga isaatti kan deebise waan ta’eef addadha. Dhugaa kana amantaa Kiristaanummaatiin alatti kan lallabu hin jiru.
Qulqulluun Yohaannisis:
“Hafuura Waaqayyoo kanaan ni beektu: afuurri Iyyasuus Kiristos fooniin akka dhufe amanu hundinuu kan Waaqayyoti. afuurri Iyyasuus Kiristos fooniin akka dhufe hin amanne hundinuu kan Waaqayyoo miti. Kunis afuura mormituu Kiristosidha” jedhe. (1ffaa Yoh 4:2-3).
Wangeela irrattiis: “Jalqaba irratti Jechi ture… Jechis foon ta’e” akkuma jedhu (Yoh 1:1,14).
