Course Content
Amantaa Kiristaanummaa fi Jireenya Hawaasummaa
Kiristaanummaan Maali? Kiristaana jechuun hordofaa Kiristos, barataa Kiristos jechuu yoo ta'u, hordoftoonni "amantoota" jedhamanii jalqaba irratti mandara (Antsokiyaatti) Kiristaana jedhamanii waamaman (Hojii D.B 11:26). Kiristaanummaan ammoo amantaa kiristaanonni amanan hordofaniidha. Hundessaan isaas gooftaa keenya Iyyasuus Kiristos isa dhiiga isaatiin hundeessidha. Qulqulluun Phaawulos "Hundee bu'ureffame kan biraa eenyuyyuu bu'ursuu hin danda'u, innis Yesuus Kiristosi" akkuma jedhe (1ffaa Qorontos 3:11, Efesoon 2:20). Kanaafuu, Kiristaanummaan Yesuus Kiristosiin hundeeffamte, jireenya Addaam fi ijoollee isaa kan bara dheeraa kan fure, fannoon ergaa abaarsaa ta'uun isaa hafee sababa nuyi adabbhaa jalaa itti baanu ta'e; hafuura mucummaa isa "Abbaa keenya" jennee ittiin waamnu kan itti fudhanne, madda badhaadhina keenyaa fi eebba keenyaa ta'ee, karaa boqonnaa itti arganne ta'eera. Dhugaadha, Kiristaanummaan duras ta'ee booda gara Uumaatti nama geessu jedhamanii kan amanamanii fi qulqullaa'an "karaaleen" turaniiru. Ammas ta'anan, Waaqayyo qulqulluun utuu hin ta'in, dandeettii sammuu namaatiin karaaleen baay'een qulqulleeffamanii fi hundeewwan baay'een hundeeffamaa jiru. Garuu, "Kiristaanummaan karaalee ykn amantoota kanneen hundumaarraa maaliin adda baata?" kan jedhu namni yoo jiraate, garaagarummaan isaa Kiristaanummaan:
0/3
Jireenya Hawaasummaa Jechuun Maali?
Jechi «Hawaasummaa» fi «Jireenya» jedhan walitti dhufeenya qabu. "Hawaasa" jechuun tokkummaa, waldaa, namoota baay'ee akka tokko ta'anii walgargaaran... jechuudha. Jireenya hawaasummaa yeroo jennu ammoo tokkummaan jiraachuu, baay'atanii waliin ta'uu, fi walgargaaranii waliin jireenya geggeessuu jechuudha. Jireenya hawaasummaa yeroo jennu jireenya dhuunfaa keenyaa kan guyyaa guyyaatiin ala jireenya waloo nuti hawaasa waliin jiraannudha. Jireenyi hawaasummaa iddoo waan baay'eeti: afaan, aadaa, hawaasa, tokkummaa fi garaagarummaa, baay'ina, amantaa, ilaalcha, saala... fi kkf hundumaa kan of keessatti hammatudha. Jireenyi hawaasummaa maatii irraa jalqaba: Mana barumsaa inni guddaan maatiidha. Namoonni tokko tokko jireenyi isaanii kan mana qe'eedhaan alaa jajjabeessaa fi barsiisaa dha. Mana keessatti garuu faallaa kanaatiin, nama rakkisaa fi haala miiroo gaddisiisaa qabu ta'uu danda'u.
0/4
Jireenya Hawaasummaa Bara Adda Addaa Keessatti
Jireenyi Hawaasummaa kun erga Dhalli namaa biyya lafaa irratti uumamee eegalee kan jiruudha.
0/3
Dhimmoota Jireenya Hawaasummaa Ballessan
Jireenyi hawaasummaa yeroo hundumaa dhiibbaa garaagaraa irrati kan kufuufi yeroodhaa gara yerootti yoo eegumsiifi kunuunsi hin taasifneef kan baduu fi kan liqimfamuudha.
0/4
Walitti Dhufeenya Namoota Gidduu Jiru fi Ilaalcha Afuuraa Isaanii Keessatti Barattoota Irraa Maaltu Eegama?
Walitti Dhufeenya Namoota Gidduu Jiru fi Ilaalcha Afuuraa Isaanii Keessatti Barattoota Irraa Maaltu Eegama? Namoonni bakka jiranitti hawaasummaa waloo nagaan jiraachuuf hundumtuu ga'ee isaa irraa eegamu ba'achuu qaba.
0/4
Kiristaanummaa fi Hawaasummaa

Walitti Dhufeenya Namoota Gidduu Jiru fi Ilaalcha Afuuraa Isaanii Keessatti Barattoota Irraa Maaltu Eegama?

1. Qalbii (Sammuu/Qullaa Qalbii)

Qalbii jechuun namni tokko gaarii fi gadhee adda baasee kan ittiin beeku dha. Nama gocha gadhee irraa kan deebisu, kan balleessu irratti kan yaaddessu, Waaqayyo biraa dhala namaatiif kan kenname qabeenya sammuuti. Qalbiin nama dhalatu hundaaf Waaqayyo biraa kan kennamu waan ta’eef, hawaasa kamiyyuu biratti namni gaariitti akka ka’u, hojii gadheetti immoo akka gaabbu ni taasisa.

  • Qalbii dhabuun namicha suuta suutaan gara badii fi amala akka bineensaatti isa geessa. Kiristaanni tokko uumama jalqaba irratti kennameef kana eeggatee, Afuura Qulqulluudhaan qalbii isaa cimsee qabachuu qaba (1Xim. 4:1-2).

Qalbii gaariin yoo jiraate qullaa garaa (qulqullummaan garaa) ni jiraata. Qulqullummaan garaa yoo dhufe immoo namni Waaqayyoon ni arga (Mat. 5:8). Qalbii gaariidhaan madaalanii yaada gaarii maddisiisuun, barichas hubatanii hojii dhuunfaa qofa hojjechuun ni danda’ama.

2. Fakkeenya Gaarii Ta’uu

Fakkeenya jechuun moodela ykn ragaa argisiisuu dha. Fakkeenya gaarii yommuu jinnu, seera amantii fi hawaasaa keessaa osoo hin ba’in, dhala namaatiif fooniinis ta’e afuuraan kan fayyadu hojjechuun, gocha gaarii hundaaf fakkeenya ta’uu jechuuti. «Tajaajila keenya kanaan namni tokko akka nu hin tuffanneef of ni eegganna; Gooftaa biratti qofa osoo hin ta’in, nama durattis waan gaarii ta’e ni ijaaranna» akka jedhametti (2Qor. 8:21).

3. Amanamummaa

Amanamummaa jechuun jechaan argamuu, waan fudhatan abboomamuu fi itti gaafatamummaa haala sirriitiin ba’achuu dha; dhugaa ta’uu jechuuti. Amanamummaan amala Waaqayyo biraa maddau dha (Far. 144:14). Waaqayyo warra amanamummaadhaan isa waaqeffatanii fi tajaajilan ni barbaada. Warra amanamummaadhaan jabaatanii argamaniif gatii ol’aana ni kennaaf (Mat. 25:14-30). Talantaa shanii fi lamaan kan amanaman hundi kabaja guddaa argatanii gara gammachuu Gooftaa isaaniitti galaniiru.

Kiristaanni tokko amanamummaan isaa kan madaalamu dhimma xiqqoo irratti. Wangeela keessatti akka jedhametti, nama maallaqa dhuunfaa ykn kan namoota biroo irratti tajaajila xiqqoodhaan amanamaa ta’e, dhimma baay’ee fi kan mataa isaa irratti amanamaa ni ta’a. Jireenya mu’uminaa (guttummaa) tokko keessatti amanamummaan qabaachuu danda’u hanga du’aatti ta’uu akka qabu ibsameera: «Hanga du’aatti amanamaa ta’i» (Mul. 2:10). «Hanga du’aatti» kan jedhu jechi kun, namni tokko amanamummaa isaa eeggachuuf jecha hanga wareegamaatti of kennuuf qophaa’uu akka qabu argisiisa. Amanamummaan bifa tokkoon qofa kan ibsamu osoo hin ta’in, jireenya afuuraa fi fooniitiin jireenya namaa keessatti calaqqisuu kan qabu dha.

4. Giddu-gala Ta’uu (Xiyyeeffannaa)

Dadhabina irraa fagaatanii humna guutuun fi yeroon hojii danda’amu raawwachuu, itti gaafatamummaa ba’achuu, jabaachuu fi dammaquu; xiyyeeffannaa dhabuun ykn hirriiba gadheen namni tokko akka hin mo’amne ta’uu dha.

  • Jireenya Kiristaanummaa keessatti xiyyeeffannaan gumaacha guddaa qaba. Amantiidhaan guddachuuf, jajjabaachuuf, fi amala gaariidhaan hojjechuuf, akkasumas namoota wajjin jaalalaan jiraachuuf faayidaa qaba. Jaalala Waaqayyootiin nagaadhaan waliin jiraachuuf, amantii dura itti fufuun jiraachuun xiyyeeffannaa argisiisa. Xiyyeeffannaan guddina jireenya foonii fi afuuraatiif xurree dha (2Phee. 1:5).

 

User-agent: * Allow: / Sitemap: https://www.latestechn.com/sitemap_index.xml
Scroll to Top