Jireenya Hawaasummaa Bara Adda Addaa Keessatti
Jireenya Hawaasummaa Seera Sammuutiin
Namoonni seera sammuutiin jiraatan maatii isaanii wajjin seera garaa isaanii keessatti barreeffameen geggeeffamaa, jireenya hawaasummaa gaarii fi nagayaa akka jiraatan ragaaleen baay’een kitaabota qulqulluu keessatti nuuf barreeffamaniiru. Fakkeenyaaf, Abrahaam fi Loox waliin jiraachaa akka turan (Uum. 13).
Jireenya Hawaasummaa Seera Orootiin (Seera Museetiin)
Israa’eloonni walumaagalatti “Yaa’ii Israa’el” ykn “Hawaasa Waaqayyoo” jedhamanii waamamu turan. Geggeessaan isaaniis dura-bu’aa raajotaa Musee ture (Sub. 10).
Jireenya Hawaasummaa Seera Wangeelaatiin
Kiristaanummaan bifa namummaatiin kan hundaa’e Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiini. Miseensonni hawaasichaa jalqaba irratti ergamoota, itti aansee ergamoota 72 fi dubartoota qulqulluu 36 dabalatee walumaagalatti maatii 120 kan turan yoo ta’u, isaanis miseensota jalqabaa Kiristaanummaa turan. Boodarra, lallaba Qulqulluu Pheetros fi Qulqulluu Isxifaanosiin addunyaa irratti babal’atee, waldaan kiristaanotaa addunyaa irra jiru kun hundaa’e.
Â
