Dhimmoota Jireenya Hawaasummaa Balleessan
1. Aadaa Alagaatiin Mo’amuu
Aadaan fi jireenyi hawaasummaa warra dhihaa dhuunfummaa (Individualism) irratti kan xiyyeeffate waan ta’eef, jireenya hawaasummaa fi maatiitiif iddoo hin kennu.
2. Addunyeessuu (Globalization)
Sochiin addunyeessuu rakkoo guddaa kan uumu fi dhiibbaa kan geessisu aadaa, eenyummaa, dinagdee, akkasumas jireenya hawaasummaa biyya tokkoo irratti dha. Kunis jireenyi hawaasummaa akka haftu gochaa jira.
3. Ammayyummaa (Zemenegni)
Jaarraa 21ffaa keessatti dhuunfummaan bal’atee argama. Kanaan wal qabatee kitaabni «Barri kun baddaa dhaatii yeroo keessan bitadhaa» akka jedhu (Efe. 5:16). Ammayyummaan yommuu dhufu jireenyi hawaasummaa akka waan dhumetti akka ilalamu gochaa jira.
4. Tekonolojiitti Garboomuu
Dhaloonni ammaa tekonolojiitti dhimma bahaa yommuu dhufu, jireenya hawaasummaa isaa dhiisaa dhufuu isaa argisiisa. Tekonolojieen jireenya hawaasummaatiif gufuu ta’eera.
