Jireenya Hawaasummaa duuka bu’ummaa Bara Keenyatti
Jireenyi hawaasummaa haala amma keessa jiruun jaarraa 21ffaa keessatti dhiibbaa dhuunfummaa fi ilaalcha ammayyummaa jal’ateen akka laafu ta’aa jira. Jijjiirama kana gabaabbummaan yoo ilaallu, hawaasa ammaa keessatti:
-
Hojiin yakkaa dabaluu.
-
Hiikni gaa’elaa baay’ee ol’aana ta’uu.
-
Dargaggoonni umriin isaanii hin geenye gochaawwan gadhee keessatti hirmaachuu.
-
Dubartoonni gara-jabinan ulfa baasuu fi gatuu.
-
Meeshaalee sammuu namaa hadoochan adda addaatiin qabamuu.
-
Waaqayyoof abboomamuu fi amantiidhaan geggeeffamanii jiraachuun yeroorbaa yerootti xiqqaachuu.
-
Saayinsii fi beekumsa adda addaa irratti qofa furmaata barbaaduu fi beekumsa aadaa dhala namaa balleessuu… Kunis nagaa fi tasgabbii gara kofoo murtaa’etti dhiphisa.
Biyyoota addunyaa irratti guddatan keessatti (guddina meeshaa) haalli jireenyaa taateewwan armaan gadii uumaa jira. Jijjiirama biyya keenyaa keessaa akka fakkeenyaatti yoo ilaallu, xiyyeeffannaa maatii (Nyaata, uffata, mana barumsaa geejjibaa fi kaffaltii kaffaluu, uffata beekamaa bituu…)
Akkasumas xiyyeeffannaa ijoollee (Barachuu, Teevii fi Fiilmii ilaaluu, Tapha viidiyoo taphachuu, Faashinii hordofuu…) fi kofoo ijoollee barbaadan (Mana barumsaa oolmaa guutuu, yeroo boqonnaa fi gannaa mana barumsaa dabalataa deemuun leenjistuu qacaruu, daawwannaa, aadaa haaraa fudhachuu, yeroo gurguruu…).
Sababa kanaan, warri garaa fi uffata ijoollee isaanii ni guutu; manneen barumsaa fi miidiyaaleen hawaasaa immoo sammuu ijoollee ni guutu… Kun yoo ta’e, deemumsi dhaloota kanaa gara kami? jennee akka of gaafannu nu taasisa.
