5. Gad-of-qabuun (Kajeelcha)
Gad-of-qabuun of gadi xiqqeessuu, namni biraa akka fayyadamu barbaaduu, ofirra nama biraa caalsisanii ilaaluu dha. Gad-of-qabuun amala Waaqayyo biraa ti. Waaqayyo gad-of-qabuun baay’achuu isaatiin kan hin mo’amne Mooti dha; ta’us hojii isaa hunda gad-of-qabuudhaan ni raawwata. Gad-of-qabuun yoom, eessatti, eenyuf, fi maaliif jedhamee yeroon, iddoon, fi kofoon kan murtaa’u miti. Kunis namni yeroo dhabu qofa osoo hin ta’in yeroo argatutti, yeroo dhiphuu qofa osoo hin ta’in yeroo nagaattis gad-of-qabaa ta’uu qaba.
Gad-of-qabuun iddoodhaan kan murtaa’u miti; dafni hundi kan Waaqayyoo ti (Far. 23:1). Kiristaanni tokko gara mana kiristaanaa yommuu dhufu gad-of-qabaa ta’ee, yommuu deebi’u immoo haala biraatiin kan argamu yoo ta’e, wanti inni irraa fayyadamu hin jiru. Gad-of-qabuun iddoodhaan akka hin murtoofne hundumaa, namoota gidduutti garaagarummaa hin taasisu (Filp. 2:3). Gad-of-qabuun cimsee kan qabate nama akkasitiif Waaqayyo eebba baay’ee ni kennaaf.
6. Murtii Qajeelaa
Loogii fi dantaa add addaa irraa fagaatanii, murtii irratti loogii malee, dhugaa qofa muree kennuu jechuuti. Waaqayyo abbaa murtii qajeelaa dha; murtii keessatti loogii hin qabu (Lew. 19:15).
7. Arjummaa
Arjummaan fi amalli gaariin jechoota wal-fakkaatan fi tokkummaa qabani dha. Arjummaan namoota hundaaf yaada gaarii qabaachuu fi amala gaarii argisiisuu, hammeenya irraa fagaachuu, nama biraa miidhuu dhiisuu fi gara-laafessa ta’uu argisiisa. Arjummaan fi gaarummaan jireenya Waaqayyoof kennuu irraa kan argamani dha.
8. Nama Kabajuu
Namni bifa fi fakkeenya Waaqayyootiin waan uumameef, uumama kabajamaa dha. Namni hundi qaamaan kabaja Waaqayyo biraa kennameef waan qabuuf, Kiristaanni sadarkaa fi haala kamiyyuu keessatti nama kabajuu qaba. Nama hundaa kabajuun ni mala; kabajuun kunis garaan osoo hin mormin, rakkinaa fi gadda keessatti nama duratti argamuun fi hanga humna isaa waan danda’amu hundaan deeggarsa gochuudhaan kan ibsamu dha. Kiristaanni nama yommuu kabaju ofii isaa eenyu akka ta’e fi eenyummaa isaa sirriitti kan hubate ta’uu qaba.
Nama kabajuu jechuun: yeroo rakkinaa humnaan gargaaruu, abboommii akka seera Waaqayyootti ta’an fudhachuu, fi nama humna hin qabne humnaan gargaaruudhaan kan ibsamu dha.
