Course Content
Amantaa Kiristaanummaa fi Jireenya Hawaasummaa
Kiristaanummaan Maali? Kiristaana jechuun hordofaa Kiristos, barataa Kiristos jechuu yoo ta'u, hordoftoonni "amantoota" jedhamanii jalqaba irratti mandara (Antsokiyaatti) Kiristaana jedhamanii waamaman (Hojii D.B 11:26). Kiristaanummaan ammoo amantaa kiristaanonni amanan hordofaniidha. Hundessaan isaas gooftaa keenya Iyyasuus Kiristos isa dhiiga isaatiin hundeessidha. Qulqulluun Phaawulos "Hundee bu'ureffame kan biraa eenyuyyuu bu'ursuu hin danda'u, innis Yesuus Kiristosi" akkuma jedhe (1ffaa Qorontos 3:11, Efesoon 2:20). Kanaafuu, Kiristaanummaan Yesuus Kiristosiin hundeeffamte, jireenya Addaam fi ijoollee isaa kan bara dheeraa kan fure, fannoon ergaa abaarsaa ta'uun isaa hafee sababa nuyi adabbhaa jalaa itti baanu ta'e; hafuura mucummaa isa "Abbaa keenya" jennee ittiin waamnu kan itti fudhanne, madda badhaadhina keenyaa fi eebba keenyaa ta'ee, karaa boqonnaa itti arganne ta'eera. Dhugaadha, Kiristaanummaan duras ta'ee booda gara Uumaatti nama geessu jedhamanii kan amanamanii fi qulqullaa'an "karaaleen" turaniiru. Ammas ta'anan, Waaqayyo qulqulluun utuu hin ta'in, dandeettii sammuu namaatiin karaaleen baay'een qulqulleeffamanii fi hundeewwan baay'een hundeeffamaa jiru. Garuu, "Kiristaanummaan karaalee ykn amantoota kanneen hundumaarraa maaliin adda baata?" kan jedhu namni yoo jiraate, garaagarummaan isaa Kiristaanummaan:
0/3
Jireenya Hawaasummaa Jechuun Maali?
Jechi «Hawaasummaa» fi «Jireenya» jedhan walitti dhufeenya qabu. "Hawaasa" jechuun tokkummaa, waldaa, namoota baay'ee akka tokko ta'anii walgargaaran... jechuudha. Jireenya hawaasummaa yeroo jennu ammoo tokkummaan jiraachuu, baay'atanii waliin ta'uu, fi walgargaaranii waliin jireenya geggeessuu jechuudha. Jireenya hawaasummaa yeroo jennu jireenya dhuunfaa keenyaa kan guyyaa guyyaatiin ala jireenya waloo nuti hawaasa waliin jiraannudha. Jireenyi hawaasummaa iddoo waan baay'eeti: afaan, aadaa, hawaasa, tokkummaa fi garaagarummaa, baay'ina, amantaa, ilaalcha, saala... fi kkf hundumaa kan of keessatti hammatudha. Jireenyi hawaasummaa maatii irraa jalqaba: Mana barumsaa inni guddaan maatiidha. Namoonni tokko tokko jireenyi isaanii kan mana qe'eedhaan alaa jajjabeessaa fi barsiisaa dha. Mana keessatti garuu faallaa kanaatiin, nama rakkisaa fi haala miiroo gaddisiisaa qabu ta'uu danda'u.
0/4
Jireenya Hawaasummaa Bara Adda Addaa Keessatti
Jireenyi Hawaasummaa kun erga Dhalli namaa biyya lafaa irratti uumamee eegalee kan jiruudha.
0/3
Dhimmoota Jireenya Hawaasummaa Ballessan
Jireenyi hawaasummaa yeroo hundumaa dhiibbaa garaagaraa irrati kan kufuufi yeroodhaa gara yerootti yoo eegumsiifi kunuunsi hin taasifneef kan baduu fi kan liqimfamuudha.
0/4
Walitti Dhufeenya Namoota Gidduu Jiru fi Ilaalcha Afuuraa Isaanii Keessatti Barattoota Irraa Maaltu Eegama?
Walitti Dhufeenya Namoota Gidduu Jiru fi Ilaalcha Afuuraa Isaanii Keessatti Barattoota Irraa Maaltu Eegama? Namoonni bakka jiranitti hawaasummaa waloo nagaan jiraachuuf hundumtuu ga'ee isaa irraa eegamu ba'achuu qaba.
0/4
Kiristaanummaa fi Hawaasummaa

Qabxiin lammaffaan fi inni guddaan ammoo, barnoota Amantaa (Iccitii Sillaasee) irraa ka’uun Kiristaanummaan amantoota biroo irraa addadha.

  • Fakkeenyaaf: Amantaan Yihudootaa, Islaamummaa, Agnostikootaa (kanneen “Waaqayyo ni jira jedhanii garuu hin beeknu” jedhan), fi Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqayyo tokko ta’uu isaa qofa fudhatu malee sadummaa (Sillaasummaa) isaa hin fudhatan.

  • Amantoonni tokko tokko ammoo waaqolii lakkoofsa miliyoonaan lakkaa’aman qabu.

Fakkeenyaaf: Giriikonni durii tulluu guddaa Olimpaas   jedhamu irratti waaqolii baay’eetu jiraata jedhanii amanu. Isaan keessaas:

  • Juupitar (Jupiter): «Mootii Waaqolii»

  • Juuno (Juno): «Mootittii Samii»

  • Apooloo (Apollo): «Waaqa Aduu, Fayyinaa, Muuziqaa fi Shiftoo »

  • Viinas (Venus): «Waaqa Bareedinaa fi Gaa’elaa»

  • Niftuun (Neptune): «Waaqa Bishaanotaa»

  • Philuutoo (Pluto): «Waaqa Si’ool (Addunyaa Duubaa)»

  • Afrodaayit (Aphrodite): «Waaqa Jaalalaa»… fi kkf jedhamanii waamamu.

Kiristaanummaan garuu amantoota armaan olii hundarraa adda ta’ee, Kitaaba Qulqulluu bu’uura godhachuun “Waaqayyo tokkoos sadis” jedhee barsiisa.

Tokkummaan isaa: Uumuu irratti, Bulchuu irratti, Waaqummaa irratti, Fedhii irratti, Aangoo irratti, akkasumas yaada garaa tokkoon yaaduu, jecha tokkoon dubbachuu, fi hafuura tokkoon baafachuu irratti tokkummaan isaa ibsama.

Hundee kanaan Kitaabni Qulqulluu yoo ibsu: «Israa’el, dhaga’i! Waaqayyo Waaqni keenya tokko» (Keessa Deebii 6:4) jedha. Kunis karaa kanaan akka ta’e ifadha. Bakka biraattiis Gooftaan Iyyasuus Kiristos «Ani fi Abbaan tokko» (Yoh 10:30); «Na arge Abbaa argeera… Ani Abbaa keessa akka jiru, Abbaanis na keessa akka jiru hin amantuu?» (Yoh  14:9-11) jedheera.

«afuurri dhugaa sun yommuu dhufu, gara dhugaa hundumaatti isin geessa… Inni anaaf ulfina kenna; kan narra dhaga’e isiniitti hima… Kan Abbaa qabu hundinuu kan kooti; kanaafan: Kan koo irraa fudhattee isiniitti hima jedhe» (Yoh 6:13-15).

Tokkummaa kana Qulqulluun Phaawulosis (1ffaa Qorontos 8:5-6) fi (1ffaa Qorontos 12:4) irratti akkas jedhee kaa’eera: «Samiis ta’e lafa irratti waaqolii fi gooftolii baay’een yoo jiraatanis, nuuf garuu waan hunduu isarraa kan ta’e, nuyis isaaf kan jiraannu Waaqayyo Abbaa tokkof, Gooftaa Iyyasuus Kiristos tokko qofatu jira» (1ffaa Qorontos 8:5-6). «afuurri garuu tokkoma» (1ffaa Qor  12:4).

Qulqulluun Phaawulos: Abbaa, Ilma, fi Hafuura Qulqulluu “Tokko” jedhee ibsuun icciitii gadi fageenya qabuun tokkummaa isaanii guutuu mirkaneesse. Kanaafuu “Waaqolii sadii” hin jennu; “Waaqa tokko” jenna malee. Waaqa tokko yeroo jennu: Uumuu, Bulchuu, Aangoo, Yaada tokkoon yaaduu, Jecha tokkoon dubbachuu, afuura tokkoon baafachuu fi jireenya jabaan jiraachuu irrattidha.

Icciitiin kun keessattuu (Yoh  16:14) irratti bifa dinqii ta’een ibsameera.

Kiristos afuura Qulqulluun «Kan koo irraa fudhatees isiniitti hima» yeroo jedhu, afuura Qulqulluun Jecha Ilmaa irraa kan dubbatu ta’uu isaa yoo ibsu; «Kan Abbaa qabu hundinuu kan kooti» yeroo jedhu ammoo, Ilmi yaada Abbaa irraa qabaachuu isaa agarsiisa.

«Ani fi Abbaan tokko» (Yoh 10:30) jechuun ammoo tokkummaa isaanii sirriitti ibsa. Sadummaan (Sadii ta’uun) isaanii ammoo: Maqaadhaan, Qaamaan, fi Hojiidhaan ibsama. Fakkeenyaaf: «Dhaqaa ammas saba hundumaa maqaa Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluutiin cuuphaa» (Mat 28:19).

“Abbaa, Ilma, fi afuura Qulqulluu” jedhee sadii ta’uu isaanii; “Maqaa” (Maqaa tokkoon) jedhee ammoo tokkummaa isaanii ibse. Kana irratti hubadhu: “Maqaalee” hin jenne, “Maqaa” jedhe malee. Iccitii hafe ammoo barruu biraa irratti kan ilaallu ta’a. Kunis gadi fageenya fi bal’ina icciitichaa irraa kan ka’eedha.

Kanaafuu, Kiristaanummaan addadha yeroo jedhamu:

  • Yaada waaqolii baay’ee qabaachuu  hin lallabu.

  • Akkuma warra kaanii ammoo “tokko qofa” jedhee sadummaa (Sillaasummaa) hin haalu.

Garuu, tokkummaan isaa sadummaa isaa utuu hin dabsine (hin lallabne), sadummaan isaas tokkummaa isaa utuu hin baaksine (hin hifane), bara baraaf Abbaa, Ilma, fi Hafuura Qulqulluu jedhamanii Waaqa tokko ta’anii waamamu malee.

User-agent: * Allow: / Sitemap: https://www.latestechn.com/sitemap_index.xml
Scroll to Top