Barattootni Maal Gochuu Qabu?
Rakkoolee guddina keenya gufachiisan baay’eedhaaf sababa kan ta’an hir’ina amala gaarii (safuu) irraa kan maddani dha.
1. Jireenya Amalaa Cimsuu
Eenyummaa dhala namaa bakka lamatti qoodanii ilaaluun ni danda’ama. Isaanis qaama alaan mul’atuu fi jireenya keessoo ti. Qaama alaa kan xureessan wanti baay’een akkuma jiran, jireenya keessoo kan xureessan yaadonni baddoofni qajaa’aanis baay’eedha.
Jireenya keessoo namaa kan xureessan seera dhabummaa, paxanimmaa, hiriiri dhabuu, boona, soba, haaloo, dhibaa’ummaa fi kkf. Ofii keenya kanneen irraa qulqulleessuu kan dandeenyu amala gaariidhaan (safuudhaan) qofa. Yaada gaariin keessoo keenya keessatti yommuu dhabamu, yaadonni gadheen babal’achuuf carraa argatu. Ilaalcha baddaa kanaan kan ka’e, dhalonni dhala namaa gocha gadhee irraa of qusachuu hin dandeenye. Of-jaallachuu, dhuunfummaa, haaloo, paxanimmaa, hammeenya, ol-aantummaa fi gad-aantummaa ilaalchi jedhan ija namaa waan jaamsaniif, qabeenya dhaloota dhala namaa akka sirriitti hin argine taasisaniiru. Gaheen amala gaarii (safuu) dhaabbata kamiyyuu ykn beekumsa kamiiniyyuu kan bakka bu’amu miti.
2. Sammuu Qulqulleessuu
Sammuun hojii nama cimsu ykn nama balleessu kan itti yaadamu, kan itti karoorfamu fi kan itti qophaaddamu dha. Dhala namaatiif meeshaa guddaa dha. Guddinaafis ta’e badiisaaf wanti itti fayyadaman jalqaba irratti kan karoorfamu ykn kan yaaddamu sammuu keessatti dha. Har’a namaaf wanti baay’ee barbaachisaa ta’e yoo jiraate, sammuu wantoota gadhee irraa qulqulleessuuf dandeettii qabaachuu dha. Hojii nama ijaaru caalaa hojiin kabajamaan hin jiru. Sammuu yaada baddaa adda addaa irraa qulqulleessuun barbaachisaa dha. Sammuu haala sirriitiin fayyadamuu dhabuun hiyyummaa hiyyummaa hundaati. Sammuun dhibaa’aan bakka hojii seexanaati.
3. Jaalala fi Amala Gaarii
Yaadonni gaariin namootaa jaalalli guddina fi nagaa dhala namaatiif bu’uura ta’uu isaa argisiisu. Namni hundinuu namoota biratti jaallatamuuf ni barbaada. Jaalalli fedhii bu’uuraa dhala namaa hundaati. Jaalalli yommuu dhabamu garuu, dhiphina ykn gadda fida. Jaalalli sababoota ittiin jaallatamu qaba. Wantonni gaariin baay’een jaalala keessa jiru. Jaalala madda fi bu’uura godhatee walitti dhufeenya uumamu keessatti wantonni gadheen bakka hin argatan. Ilaalchi jaalala irratti hundaa’e gochaawwan gaariidhaan kan ibsamu dha. Nama jaallachuun nama jaallatamuufis jaalala fida. Nama jibbina garuu jibbina fida. Jaalalli bu’uura, gad-faginya, fi qabiyyee adda addaa qaba. Diinni jaalalaa maallaqa ykn qabeenya dha. Jireenya amalaa namaa kan qoran wantonni qoran keessaa maallaqni isa tokko. Jaalalli dhugaan bu’aa fi fedhii dhuunfaa irraa kan ka’e kan murtaa’u miti. Jaalalli nama kamiyyuu kan hin tuffanne, caalaatti hundi kan itti boqotu dha.
4. Dhugaa Jaallachuu
Seenaa addunyaa keenya keessatti dhugaa fi soba gidduutti qabsoon ol’aanaan osoo deemuu tureera. Sobni osoo hin jiru ta’ee, dhugaan gatii, hiika, fi barbaachisummaan isaa hin beekamu ture. Dhugaan osoo hin jiru ta’ee, sobni barbaachisummaa dhabuu isaa fi yartummaa isaa beekuun hin danda’amu ture. Galma gurguddoo amala gaarii (safuu) keessaa inni tokko dhugaa barbaaduu, kabajuu fi guddisuu yoo ta’u, faallaa isaatiin soba balaaleffachuu fi balleessuu dha. Sobni diina namaati.
