Maqaan isaa haa ulfaatuu Gooftaan keenya, Waaqni keenya fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristos akkas jedheera:
«Ani karra hoolotaati; warri ana dura dhufan hundinuu hattoota fi saamtota, hoolonni garuu isaan hin dhageenye. Karrichi ana; kanaan kan seenu yoo jiraate ni fayya, ni seenas ni ba’as, marga dheedumsaas ni argata» (Yoh 10:7-9).
Akkuma jedhame, Kiristaanummaan gara Uumaatti seenuuf karra tokkichadha. Karra kanaan malee kan seenu yoo jiraate marga dheedumsaa (jireenya) hin argatu.
Fakkeenyaaf: Warri ofiin of qajeelchanii akka karraatti dhihaatan turaniiru. Barumsa kana barsiisaan seeraa Gamaliyaal jedhamu Hojii Ergamootaa 5:35 irratti yoo ibsu: «Yaa namoota Israa’el, jara kanneen irratti maal akka gochuuf jirtan of eeggadha. Baroota kanneen dura Tewudaas “ani nama guddaadha” jedhee ka’ee ture; namoonni dhibba afur (400) ta’anis isatti makaman. Inni ni badas, warri isa hordofanis hundinuu ni barbadaa’an; homaas utuu hin ta’in hafan.
Kanaan boodas yeroo lakkoofsa uummataa keessa Yihuudaan inni Galiilaa ka’e. Uummata baay’ees sossobee of duubaan hordofsiise. Innis ni bade, warri isa hordofanis hundinuu ni barbadaa’an» akkuma jedhe, warri of uumanii akka ergamaatti of dhiheessan ana duraos ana boodas dhufaniiru. Dhugaan isaa garuu isaan karra ta’uu dhabuu isaaniiti. Gooftaan ofii isaa Tiksee Gaarii godhee, ijoollee isaa ammoo hoolotatti fakkeessee kaayyeera. Boqonnaa 10ffaa Wangeela Yohaannis irratti, namoonni akkasii qe’ee hoolotaa saamuuf akka yeeyyiitti kan dhufan qacarramtoota qofa akka ta’an ibseera. (Mat 7:13) irratti: «Karra dhiphaadhaan seenaa; karri gara badiisatti geessu bal’adha, karaan isaas bal’aadha» jedha.
Dabalataanis: «Maddii kee isa mirgaa yoo si dhaanile dhiphuu kee isa bitaa deebisiif; boqonnaa tokko akka deemtuuf yoo si gaafatan boqonnaa lama deemi; diina kee jaalladhu, warra si abaaran eebbisi, warra si ari’ataniif kadhadhu» kan jedhu seera guutuu fi karra dhiphoo dha.
Egaa, Kiristaanummaan karra waan taateef, gara tulluu Tsiyoonitti fi gara magaalaa Waaqayyo jiraataa ni dhiheessiti. Kiristaanummaan karra waan taateef, gara waldaa hangafootaa fi gara gammachuu ergamoota kumaatamaatti, akkasumas gara afuura qajeeltota guutuu ta’anitti namata dhiheessiti.
Kiristaanummaatti karra kanaan boqonnaan ni argama. Karri sunis Kiristosi. Karra kanaan yoo amaname qofa gara Abbaatti dhihaatama. Karra kanaan yoo amaname qofa gara afuura Qulqulluutti dhihaatama. Karra kanaan tokkummaan fi sadummaan isaa ni beekama.
Ibsi Kiristaanummaa gabaabbummatti namoonni addunyaa kana irra jiran ilalacha gara garaa qabu. Isaanis kutaalee biyyaa adda addaa irraa waan jiraataniif: addaddummaa hawaasummaa, garaagarummaa umrii, haala jireenya qabeenyaa, akkasumas hordoftoota amantaa biroo adda addaa biraa dhufanii waliin jireenya qaban, barumsa fi jireenya afuuraa isaanii walitti qabuun, muuxannoo waliin jireenyaa fi wal-tajjajjiluu horachuun ni calaqqisa.
Kaayyoon barumsa kanaas, Kiristaanummaa isaanii akkamitti jireenya hawaasummaa isaanii keessatti qindeessanii waliin jiraachuu akka qaban agarsiisuufi.
