Jireenya haala kanaan bakka lamatti qoodnee arguu dandeenya: Jireenya foonii fi Jireenya hafuuraa. Jireenyi foonii: barumsaan, hojiidhaan, fi jireenya hawaasummaatiin dhimmoota jajjaboo of keessatti hammata; kan ofii keenyas ta’e kan biroo kan geggeessu yoo ta’u, dhimmoota jireenya foonii keenya waliin walqabatan hundumaa kan hammatudha.
Jireenya hafuuraa yeroo jennu ammoo: jireenya hafuuraa, jireenya Kiristaanummaa jechuu yoo ta’u, jireenya Hafuura Waaqayyo qulqulluudhaan guutame jechuudha. Jireenyi hafuuraa Kirisitoosiin fakkaachuudha.
Gooftaan keenya fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristos foon uffatee gara addunyaa kanaa akka dhufeef kaayyoowwan qabu keessaa tokko fakkeenya nuuf ta’uufi. Inni amala isaatiin qulqulluu kan ta’e Waaqa utuu ta’uu, utuu cubbuu hin hojjeetin nu fayyiseera. Hojii gadheetirraas guutummaatti fagaachuun jaalalaa fi obsa guddaa agarsiiseera. Nuyi kiristaanonni jireenya keenyaan hiriyoota isaa ta’uu keenya kan ittiin agarsiisnu «akkasuma godhaa» jechuudhaan fakkeenya nuuf ta’eera.
Jireenyi afuuraa jireenya keessaa fi alaan calaqqisudha. Namni hafuuraa jechuun socho’aa fi dhimmoota guyyaa guyyaa isaa hundumaa keessatti of /jireenya isaa/ Waaqayyoof kan kenne jechuudha. Jireenyi hafuuraa bakka qofaan ykn yeroo qofaan, akkasumas haalawwan adda addaatiin hin daangeffamu. Lafa irratti jalqabamee samiirratti kan itti fufu jireenya bara baraati. Kanaafuu, bakka hojiitti, karaa irratti, bakka kamittiyyuu yoo argaman, dammaqiinsaan, guyyaas ta’e halkaan jireenya jiraatamu dha.
Jireenyi hafuuraa: jireenya soomaa, kadhannaa, sagadaa, kitaabota qulqulluu dubbisuu, jecha Waaqayyoo dhaga’uu, Uumaatti amanuu fi isatti hirkachuu, ofii keetiif yeroo gahaa kennuu /haala ofii keetii kan itti ilaaltu/, akkasumas sirna qulqulleessaa (Qaddasee) irratti hirmaachuu dabalatee kan of keessatti hammatudha.
