Dhiibbaa Addunyeessuu Jireenya Hawaasummaa Irratti
Sochiin addunyeessuu (Globalization/Globalism) rakkoo guddaa kan uumu fi dhiibbaa kan geessisu aadaa, eenyummaa, dinagdee, akkasumas jireenya hawaasummaa biyya tokkoo irratti dha. Aadaan fi jireenyi hawaasummaa warra dhihaa dhuunfummaa (Individualism) irratti kan xiyyeeffate waan ta’eef, jireenya hawaasummaa fi maatiitiif iddoo hin kennu.
Dhuunfummaan sadarkaa aadaatti namni hundinuu kan ittiin adabu waan ta’eef, of-tultummaa (of-jaallachuu) irraa adda. Of-jaallachuun amala baddaa namoota dhuunfaa biratti argamu waan ta’eef, bu’aa aadaa miti. Of-jaallachuun jireenya hawaasummaa keessattis ta’e dhuunfaatti bu’aa isaanii qofa eeggachuuf kan namoota biroo miidhu ta’ee calaqqisa. Jabeenyi sochii addunyeessuu dhaloota jireenya hawaasummaa hin fudhanne fi dhimma hin qabne uumuuf dandeettiin isaa baay’ee ol’aana dha.
Kanas ta’uun, jabaachuun sochii addunyeessuu jireenya hawaasummaa keessatti dhaloonni fooyya’aan akka hin hundoofne dhiibbaa guddaa geessisa. Kanaan wal qabatee, dhaloonni dhukkuba dhuunfummaatiin qabameera. Haala dorgommii fi wal-dorgommii ol’aanaa keessa waan galamfameef, jireenya mo’achuuf jecha namoonni tokko tokko dhiphatanii fi dhiphamanii yoo hafanis, hanga dhiyoo kanatti xiyyeeffannaan kan hin kennamneef ta’aa dhufeera. Waliin jireenya hawaasummaa fi eenyummaa waloo biratti hiikni jiru xiqqaachaa waan deemeef, ilaalchi «ani ergan du’ee as dhaan yoo gongees siri miti» jedhu dhimma dhabummaa argisiisu akka bineensaa yaaduu calaqqisiisaa jira.
