Jireenya maatii (jireenya gaa’elaa), mana jireenyaa kiristaanummaa, qormaata addunyaa, guddisa ijoollee, namoota waliin walii galanii jiraachuu, aadaa wal-gargaaruu fi wal-tumsuu, kan beela’e nyaachisuu, kan dheebote obaasuu, dandahatanii waliin jiraachuu… fi kkf kan hammatudha. Jireenyi hawaasummaa yommuu hundeeffamu dhuunfaa irraa, abbaa irraa, haadha irraa, amantaa fi ilaalcha irraa jalqaba.
Namadhuunfaa, maatii, hawaasa hawaasarraa—kun immoo jireenya hawaasummaa, guyyoota hawaasummaa, jireenya hawaasummaa, dhiphina hawaasummaa… walumaagalatti of keessatti qabata.
Jireenya hawaasummaa Kiristaanummaa keessa jiru kan ittiin ibsinu: yaadannoo, Sanbata, Kiristaanummaa, Sirna Gaa’elaa, baasii yaadannoo, Ayyaanota adda addaa, afoosha, gaddaa, gargaarsa namoomaa adda addaa… Kiristaanummaa keenya keessa jiru.
Gochaawwan kun yommuu raawwataman:
-
Dhukkubsataa ni gaafatu.
-
Kan nagaa dhabe (kan hidhame/miidhame) ni gaafatu.
-
Kan du’e ni awwaalu.
-
Yeroo gaddaa nama ni jajjabeessu.
-
Yeroo gammachuu gammachuu isaanii ni qooddatu.
-
Humni isaa kan dadhabe ni gargaaramu…
-
Dubbiin Waaqayyoo irratti ni dhaga’ama.
-
Kadhannaan ni taasifamaaf.
-
Nyaataa fi dhugaatiin ni laatamaaf, ni kennamaaf, ni eegamaaf.
-
Qulqulloonni fi qajeeltonni ni yaadatamu, araarsummaa isaanii ni gaafatu.
-
Dhiphina kan itti wal-jijjiirru dha.
-
Hanga humna maallaqa keenyaatiin of kan itti argisiifnu dha.
