Faayidaa Jireenya Hawaasummaa
Guddina qaamaa, xiinsammuu (qor-sammuu), fi hawaasummaa guutuu akka qabaannu fi itti fufiinsa jireenyaa mirkaneessuuf gargaara. Faayidaan isaas:
-
Nagaa guutuu, fayyaa, gammachuu fi umrii dheeraa jiraachuuf.
-
Jaalala, wal-hubannoo, amala gaarii… seera fi sirna hawaasa tokkoo dhalootaa gara dhalootaatti eeganii dabarsuuf.
-
Jaalalaa fi deeggarsa namoota biroo argachuuf.
-
Amanamummaa, dhugaa, iftoomina, jaalala, wal-hubannoo, obsa, waliin jireenyaa fi itti gaafatamummaa fudhachuu danda’uun dhimmoota hawaasa keessatti iddoo guddaa kennamuufi dha.
Walumaagalatti jireenyi hawaasummaa faayidaa guddaa qaba. Keessummaa ni simanna; «Keessummaa simachuu hin dagatinaa» (Ibr. 13:2, Mat. 25:40) akka jedhametti. Ni gargaarra; tokkoo tokkoo keenyaaf Edertiin (Iiddiriin) carraa guddaa dha.
Edertii (Iiddirii) yaada jedhu wal-hubannoo fi tokkummaa bal’inaan kan argisiisu dha. Kunis yeroo gaddaa fi yeroo gammachuu waliin ta’uun gammachuu fi gadda waloo qooddachuuf gargaara… «Tokko ta’anii jabaachuun, lama ta’anii wal-fayyisuu dha» akka jedhamu. Waliif ni gargaarramna; «Ergamoonni yaada tokkoon turan» akka jedhu (HoE. 5:12). Dubbii isaa ni raawwanna; «Hanga dandeessanitti namoota hundaa wajjin nagayaan jiraadhaa» akka jedhametti. Dhuunfaatti dhimmoota raawwataman dhimma waloo taasisuuf; fakkeenyaaf: gadda, qonna (hojii lafaa), wal-eeguu fi tiksuu dabalata. Namni hawaasa keessa yommuu jiraatu, hawaasichi isa eega, innis hawaasicha ni eega.
Bakka bu’ummaa kennuun faayidaa qaba. Namni tokko namoota baay’ee bakka bu’uu danda’a. Fakkeenyaaf: Namni beekamaan tokko biyya yommuu waamsisu, amantii eeguuf, hawaasni yoo jiraate amantiin ni eeggama. Waaqayyoon ni fakkaanna; ergamichi «Waaqayyoon fakkaachuun bu’aa guddaa qaba» akka jedhetti. Rakkina maqsuuf, wal-jajjabeessuuf, fi tasgabbaa’uuf ni barbaadama. Kwankwayeen (keeyyanni) «Inni tokko yakka isa kaanii dhiifama haa godhu» jedha. Yaadaa fi gorsa wal-jijjiiruuf (Rom. 12:7-8), gammachuu qooddachuuf, gadda salphisuuf (Rom. 12:10), jireenya fooyyessuu fi guddina fiduuf gargaara (Lall. 4:9).
