Course Content
Amantaa Kiristaanummaa fi Jireenya Hawaasummaa
Kiristaanummaan Maali? Kiristaana jechuun hordofaa Kiristos, barataa Kiristos jechuu yoo ta'u, hordoftoonni "amantoota" jedhamanii jalqaba irratti mandara (Antsokiyaatti) Kiristaana jedhamanii waamaman (Hojii D.B 11:26). Kiristaanummaan ammoo amantaa kiristaanonni amanan hordofaniidha. Hundessaan isaas gooftaa keenya Iyyasuus Kiristos isa dhiiga isaatiin hundeessidha. Qulqulluun Phaawulos "Hundee bu'ureffame kan biraa eenyuyyuu bu'ursuu hin danda'u, innis Yesuus Kiristosi" akkuma jedhe (1ffaa Qorontos 3:11, Efesoon 2:20). Kanaafuu, Kiristaanummaan Yesuus Kiristosiin hundeeffamte, jireenya Addaam fi ijoollee isaa kan bara dheeraa kan fure, fannoon ergaa abaarsaa ta'uun isaa hafee sababa nuyi adabbhaa jalaa itti baanu ta'e; hafuura mucummaa isa "Abbaa keenya" jennee ittiin waamnu kan itti fudhanne, madda badhaadhina keenyaa fi eebba keenyaa ta'ee, karaa boqonnaa itti arganne ta'eera. Dhugaadha, Kiristaanummaan duras ta'ee booda gara Uumaatti nama geessu jedhamanii kan amanamanii fi qulqullaa'an "karaaleen" turaniiru. Ammas ta'anan, Waaqayyo qulqulluun utuu hin ta'in, dandeettii sammuu namaatiin karaaleen baay'een qulqulleeffamanii fi hundeewwan baay'een hundeeffamaa jiru. Garuu, "Kiristaanummaan karaalee ykn amantoota kanneen hundumaarraa maaliin adda baata?" kan jedhu namni yoo jiraate, garaagarummaan isaa Kiristaanummaan:
0/3
Jireenya Hawaasummaa Jechuun Maali?
Jechi «Hawaasummaa» fi «Jireenya» jedhan walitti dhufeenya qabu. "Hawaasa" jechuun tokkummaa, waldaa, namoota baay'ee akka tokko ta'anii walgargaaran... jechuudha. Jireenya hawaasummaa yeroo jennu ammoo tokkummaan jiraachuu, baay'atanii waliin ta'uu, fi walgargaaranii waliin jireenya geggeessuu jechuudha. Jireenya hawaasummaa yeroo jennu jireenya dhuunfaa keenyaa kan guyyaa guyyaatiin ala jireenya waloo nuti hawaasa waliin jiraannudha. Jireenyi hawaasummaa iddoo waan baay'eeti: afaan, aadaa, hawaasa, tokkummaa fi garaagarummaa, baay'ina, amantaa, ilaalcha, saala... fi kkf hundumaa kan of keessatti hammatudha. Jireenyi hawaasummaa maatii irraa jalqaba: Mana barumsaa inni guddaan maatiidha. Namoonni tokko tokko jireenyi isaanii kan mana qe'eedhaan alaa jajjabeessaa fi barsiisaa dha. Mana keessatti garuu faallaa kanaatiin, nama rakkisaa fi haala miiroo gaddisiisaa qabu ta'uu danda'u.
0/4
Jireenya Hawaasummaa Bara Adda Addaa Keessatti
Jireenyi Hawaasummaa kun erga Dhalli namaa biyya lafaa irratti uumamee eegalee kan jiruudha.
0/3
Dhimmoota Jireenya Hawaasummaa Ballessan
Jireenyi hawaasummaa yeroo hundumaa dhiibbaa garaagaraa irrati kan kufuufi yeroodhaa gara yerootti yoo eegumsiifi kunuunsi hin taasifneef kan baduu fi kan liqimfamuudha.
0/4
Walitti Dhufeenya Namoota Gidduu Jiru fi Ilaalcha Afuuraa Isaanii Keessatti Barattoota Irraa Maaltu Eegama?
Walitti Dhufeenya Namoota Gidduu Jiru fi Ilaalcha Afuuraa Isaanii Keessatti Barattoota Irraa Maaltu Eegama? Namoonni bakka jiranitti hawaasummaa waloo nagaan jiraachuuf hundumtuu ga'ee isaa irraa eegamu ba'achuu qaba.
0/4
Kiristaanummaa fi Hawaasummaa

Jireenya Hawaasummaa duuka bu’ummaa Bara Keenyatti

Jireenyi hawaasummaa haala amma keessa jiruun jaarraa 21ffaa keessatti dhiibbaa dhuunfummaa fi ilaalcha ammayyummaa jal’ateen akka laafu ta’aa jira. Jijjiirama kana gabaabbummaan yoo ilaallu, hawaasa ammaa keessatti:

  • Hojiin yakkaa dabaluu.

  • Hiikni gaa’elaa baay’ee ol’aana ta’uu.

  • Dargaggoonni umriin isaanii hin geenye gochaawwan gadhee keessatti hirmaachuu.

  • Dubartoonni gara-jabinan ulfa baasuu fi gatuu.

  • Meeshaalee sammuu namaa hadoochan adda addaatiin qabamuu.

  • Waaqayyoof abboomamuu fi amantiidhaan geggeeffamanii jiraachuun yeroorbaa yerootti xiqqaachuu.

  • Saayinsii fi beekumsa adda addaa irratti qofa furmaata barbaaduu fi beekumsa aadaa dhala namaa balleessuu… Kunis nagaa fi tasgabbii gara kofoo murtaa’etti dhiphisa.

Biyyoota addunyaa irratti guddatan keessatti (guddina meeshaa) haalli jireenyaa taateewwan armaan gadii uumaa jira. Jijjiirama biyya keenyaa keessaa akka fakkeenyaatti yoo ilaallu, xiyyeeffannaa maatii (Nyaata, uffata, mana barumsaa geejjibaa fi kaffaltii kaffaluu, uffata beekamaa bituu…)

Akkasumas xiyyeeffannaa ijoollee (Barachuu, Teevii fi Fiilmii ilaaluu, Tapha viidiyoo taphachuu, Faashinii hordofuu…) fi kofoo ijoollee barbaadan (Mana barumsaa oolmaa guutuu, yeroo boqonnaa fi gannaa mana barumsaa dabalataa deemuun leenjistuu qacaruu, daawwannaa, aadaa haaraa fudhachuu, yeroo gurguruu…).

Sababa kanaan, warri garaa fi uffata ijoollee isaanii ni guutu; manneen barumsaa fi miidiyaaleen hawaasaa immoo sammuu ijoollee ni guutu… Kun yoo ta’e, deemumsi dhaloota kanaa gara kami? jennee akka of gaafannu nu taasisa.

User-agent: * Allow: / Sitemap: https://www.latestechn.com/sitemap_index.xml
Scroll to Top