Karaalee Amala Gaarii Ittiin Barsiisan
Giddu-gala amalaa yommuu jinnu, jireenya amalaa kan geggeessan bu’uuraalee amalaa gurguddoo shan jiru. Kanneenis bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya:
-
Amala Dhuunfaa kan jinnu (Of-to’achuu, jabaatanii hojjechuufi ogummaa) yoo ta’an, isaan kun fayyadamaan mataa isaa jireenya dhuunfaa isaa keessatti kan ittijn of ijaaru dha.
-
Amala Waloo kan jinnu immoo (Murtii qajeelaa fi arjummaa) dha. Kanneenis namni dhuunfaa tokko fira isaatiif, biyya isaatiif, fi dhaloota namaa hundaaf kan ittiin gumaachu dha.
Bu’uuraaleen jireenya hawaasummaa olitti gabaabummaan ibsaman akkuma jiranitti ta’anii, bu’uuraaleen jireenya hawaasummaa isaan gurguddoon kanneen armaan gadiiti:
1. Dubbii Waaqayyoo
Dubbiin Waaqayyoo ka’umsa jireenya hawaasummaati.
2. Uumama Namaa
Uumamni dhala namaa mataa isaatiin ka’umsa jireenya hawaasummaati.
/Uum. 2:18/ «Namni qofaa isaa ta’uun gaarii miti; gargaartu isaaf ta’u fin uumaaf» akka jedhametti.
3. Duudhaa Qulqulluu Mana Kiristaanaa Keenyaa
Jireenya hawaasummaa bifa biraatiin jireenya hawaasummaa jennee waamuu ykn ilaaluu dandeenya.
Ka’umsi giddu-gala amalaa barsiisuu isaan olitti ibsaman yoo ta’an, karaaleen isaas jechaan fi gochaan kan kennamanifi kan ibsamani dha. Ijoolleen kan raawwatan:
«Ijoollee keessan, isin mormii tokko malee waan hundumaan abboota keessaniif abboomamaa; Waaqayyo kanatti ni gammadaa»
jechuun ergamaan qulqulluun Phaawulos barsiiseera (Qol. 3:20). Ijoolleen warra keessaniif abboomamuu fi warra keessan gargaaruun isiniif ni mala.
Giddu-gala amalaa barsiisuu keessatti maatiin, hawaasni, manneen barnootaa fi dhaabbanni amantii gahee ol’aana qabu.
