Course Content
Amantaa Kiristaanummaa fi Jireenya Hawaasummaa
Kiristaanummaan Maali? Kiristaana jechuun hordofaa Kiristos, barataa Kiristos jechuu yoo ta'u, hordoftoonni "amantoota" jedhamanii jalqaba irratti mandara (Antsokiyaatti) Kiristaana jedhamanii waamaman (Hojii D.B 11:26). Kiristaanummaan ammoo amantaa kiristaanonni amanan hordofaniidha. Hundessaan isaas gooftaa keenya Iyyasuus Kiristos isa dhiiga isaatiin hundeessidha. Qulqulluun Phaawulos "Hundee bu'ureffame kan biraa eenyuyyuu bu'ursuu hin danda'u, innis Yesuus Kiristosi" akkuma jedhe (1ffaa Qorontos 3:11, Efesoon 2:20). Kanaafuu, Kiristaanummaan Yesuus Kiristosiin hundeeffamte, jireenya Addaam fi ijoollee isaa kan bara dheeraa kan fure, fannoon ergaa abaarsaa ta'uun isaa hafee sababa nuyi adabbhaa jalaa itti baanu ta'e; hafuura mucummaa isa "Abbaa keenya" jennee ittiin waamnu kan itti fudhanne, madda badhaadhina keenyaa fi eebba keenyaa ta'ee, karaa boqonnaa itti arganne ta'eera. Dhugaadha, Kiristaanummaan duras ta'ee booda gara Uumaatti nama geessu jedhamanii kan amanamanii fi qulqullaa'an "karaaleen" turaniiru. Ammas ta'anan, Waaqayyo qulqulluun utuu hin ta'in, dandeettii sammuu namaatiin karaaleen baay'een qulqulleeffamanii fi hundeewwan baay'een hundeeffamaa jiru. Garuu, "Kiristaanummaan karaalee ykn amantoota kanneen hundumaarraa maaliin adda baata?" kan jedhu namni yoo jiraate, garaagarummaan isaa Kiristaanummaan:
0/3
Jireenya Hawaasummaa Jechuun Maali?
Jechi «Hawaasummaa» fi «Jireenya» jedhan walitti dhufeenya qabu. "Hawaasa" jechuun tokkummaa, waldaa, namoota baay'ee akka tokko ta'anii walgargaaran... jechuudha. Jireenya hawaasummaa yeroo jennu ammoo tokkummaan jiraachuu, baay'atanii waliin ta'uu, fi walgargaaranii waliin jireenya geggeessuu jechuudha. Jireenya hawaasummaa yeroo jennu jireenya dhuunfaa keenyaa kan guyyaa guyyaatiin ala jireenya waloo nuti hawaasa waliin jiraannudha. Jireenyi hawaasummaa iddoo waan baay'eeti: afaan, aadaa, hawaasa, tokkummaa fi garaagarummaa, baay'ina, amantaa, ilaalcha, saala... fi kkf hundumaa kan of keessatti hammatudha. Jireenyi hawaasummaa maatii irraa jalqaba: Mana barumsaa inni guddaan maatiidha. Namoonni tokko tokko jireenyi isaanii kan mana qe'eedhaan alaa jajjabeessaa fi barsiisaa dha. Mana keessatti garuu faallaa kanaatiin, nama rakkisaa fi haala miiroo gaddisiisaa qabu ta'uu danda'u.
0/4
Jireenya Hawaasummaa Bara Adda Addaa Keessatti
Jireenyi Hawaasummaa kun erga Dhalli namaa biyya lafaa irratti uumamee eegalee kan jiruudha.
0/3
Dhimmoota Jireenya Hawaasummaa Ballessan
Jireenyi hawaasummaa yeroo hundumaa dhiibbaa garaagaraa irrati kan kufuufi yeroodhaa gara yerootti yoo eegumsiifi kunuunsi hin taasifneef kan baduu fi kan liqimfamuudha.
0/4
Walitti Dhufeenya Namoota Gidduu Jiru fi Ilaalcha Afuuraa Isaanii Keessatti Barattoota Irraa Maaltu Eegama?
Walitti Dhufeenya Namoota Gidduu Jiru fi Ilaalcha Afuuraa Isaanii Keessatti Barattoota Irraa Maaltu Eegama? Namoonni bakka jiranitti hawaasummaa waloo nagaan jiraachuuf hundumtuu ga'ee isaa irraa eegamu ba'achuu qaba.
0/4
Kiristaanummaa fi Hawaasummaa

Goolaba

Jireenyi hawaasummaa dhaloota irraa dhalootatti hanga du’aatti kan jiraatamu fi adeemsa itti fufiinsa qabu yoo ta’u, barnootaa fi namoota biroo wajjin walitti dhufeenya taasifamuun kan gabbatu dha. Dhala namaa saba mataa isaa fi hawaasa keessa jiraatuuf beekumsa qabaatu bifa adda addaatiin, jechuunis: afaan waliigaltee barachuun, haala naannoo isaa ilaaluun, akkasumas dandeettii hawaasummaa barachuun guddachaa deema. Dandeettii jireenya hawaasummaa kana haala sirriitiin gabbifachuun eenyummaa guutuu fi guddina dhalootaaf murteessaa dha.

Waliin jireenya hawaasummaa cimaa ijaaruuf, faayidaa jireenya hawaasummaa hubannoo keessa galchuun ni mala. Haala fi yeroo kamiyyuu keessatti dhihaatanii fi wal arguun mari’achuu; dhaloota dhufuuf hojii boonsaa hafu hojjechuun seenaa eegaa kan jiran abbootii keenya eegnee haa jiraannu. Waaqayyo hojii gaarii nuuf ni raawwata, nuyis tajaajiltoonni isaa kaanee ni hojjanna.

Eenyummaa Itoophiyummaa keenya beekuu fi hubachuun barbaachisaa dha. Ibsituu Kiristaanummaa kan ta’an gochaawwan fi sirnaawwan barattootaafis ta’e dargaggootaaf barsiisuu fi hordofsiisuun, itti gaafatamummaa ba’achuu dha. Dhaloota mana kiristaanaa irraa eegamu hubachiisuu fi warra kaaniif hubachiisuun barbaachisaa dha. Jireenyi dhalootaa irraa kaasee hanga du’aatti kan jiru dha. Kitaabota dubbiisuun Kiristaanummaa jireenya hawaasummaa keessa gahee qabu akka hubannu nu taasisa.

User-agent: * Allow: / Sitemap: https://www.latestechn.com/sitemap_index.xml
Scroll to Top